• Fri. Mar 13th, 2026

Humnootni finxaaleeyyii Amaaraa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu keessatti namoota nagaa irratti dhukaasuun qabeenya saaman

Aug 19, 2023

ONM-ABO Hagayya 19, 2023

Gareen finxaaleessaan Amaaraa godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti tumsa murna bilxiginnaan of ijaaran uummata Oromoo irratti gochoota sukkanneessoo fudhachuu itti fufanii jiru.

Kaleessa Hagayya 18, 2023 ganama bariin ganda Xombee Dangab seenuun dhukaasa bananiin uummata hirriba irra ture jeequun namootni akka baqatan taasisanii turan.

Dhukaasa gandicha keessatti bananiin addatti nama maqaan isaa Caalaa Gooshuu jedhamu duukkaa fiiguun itti dhukaasuun ajjeessuuf yaalii taasisanis dhukaasa jalaa miliquun lubbuu isaa olfachuun ganda ollaatti baqatee jira.

Obbo Caalaan lubbuu isaa haa baafatu malee murni shororkeessaan kun qabeenya nama kanaa saamaniiru.

Rakkoo gareen finxaalessaan kun uummata irraan ga’aa ture kanatti namootni gandoota ollaa irraa osoo hin hafin irraan gadee Rigatee qabaachuun gara rakkoon kun mudatetti imalaa yeroo turanitti waraanni faashistii PP duubaan karaa Goongoo itti galuun uummatni akka ofirraa hin dhorkine gochuun finxaaleyyiin Amaaraa lafa abbaa isaa irratti Oromoo akka miidhan taasisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading