• Mon. Jan 12th, 2026

Bilxiginnaan humna waraanaa Komaandoo jedhaman hedduminaan gara Lixaa fi Baha Wallaggaatti guuraa jiraachuun beekame 

Aug 22, 2023

ONM-ABO Hagayya 22, 2023 

Sirni faashistii bilxiginnaa yaada sochii WBO laaffisuu saganteeffateen, torbanoota darban irraa eegalee loltoota isaa Komaandoo jedhaman lixa Oromiyaatti guuraa kan jiru yoo ta’u, addatti ammoo xiyyeeffannoo godina Wallagga lixaa fi baha Wallaggaa irratti taasiseen, loltoota isaa kana godinoota kanneen keessaa hedduminaan qubsiisee jiraachuu maddeen himan.

Qondaaltotni waraanaa fi kaadirootni PP Jimaataa fi Sanbata magaalaa Naqamtee galma hoteela Shaalom keessatti maree gaggeeffataa kan turanii fi dheengaddallee itti turuu kan himan maddeen, Oppireeshinii tibba kana adeemsisuuf karoorfataniinis akka baha Wallaggaa aanaalee shanan kilaastera Giddaa Ayyaanaa keessatti sochii jabaa eegaluuf wal dubbachaa jiraachuu isaaniis ibsan.

Odeeffannoo maddeen keenya irraa arganneen, karoorri guddaan humna waraanaa kallattii kanneen irratti bobbaasuun barbaachiseef, humna waraana bilisummaa Oromoo gama kanaan jabaatee jiru cabsanii sochii isaa ofirraa ugguruun, lola karaa kaabaan irratti gaggeeffamaa jiruuf haala mijataa uummachuu akka ta’es himuun, humna WBO dadhabsiisanii lolli Amaaraa keessatti Eertiraa hirmaachisee kan cimu yoo ta’e gara sanatti fuulleffachuuf akka ta’e keessa beektotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading