• Thu. Mar 12th, 2026

Godinaalee Oromiyaa mara irraa waraanni PP fi dabballoonni isaa dargaggoota akkasumas maanguddoota maatii horan dirqamaan ukkaamsee gara leenjii waraanummaatti guuraa jira

Aug 29, 2023

ONM-ABO Hagayya 29, 2023

Waraanni sirni PP of harkaa qabu kaan ganuun irra jireessi ammoo lola irratti dhumuun bilxiginnaa yaaddoo keessa galchuun, akka Oromiyaatti yeroo gara garaa beeksisa leenjii waraanaa baasaa turanis Oromiyaa keessaa namni fedhiin galmaa’u dhabamuu irraan kan ka’e humnaan ukkaamsuun gara moonaa leenjiitti oofaa jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa dargaggootaa fi qonnaan bultoota hedduminaan walitti qabuun magaalaa Shaambuu kan tursan yoo ta’u, haadholiin manaa fi maatiin warra humnaan ukkaamamee, waliin deemuun boo’aa akka turan maddeen keenya gabaasaniiru.

Maddi keenya dubartii tokko dubbisuun akka nuuf gabaasetti, “Abbaa koo dargiin humnaan qabee geessee dirree lolaa irratti nu jalaa hafe, ammammoo Abbaa manaa koo na jalaa qabanii abbaa malee akkan hafetti abbaa manaa malee na hambisuuf deemu” jechuun boo’aa dubbataa akka turan gabaaseera.

Bifuma wal fakkaatuun Godina Booranaa ona Yaabelloottis dargaggoota humnaan walitti qabuun leenjii lolaa deemtu kan jedhan yoo ta’u, dargaggoonni mormii kaasuun irraa fudhachuu erga didaniin booda, dargaggoota mormii kaasan  gara mana hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Kana malees godina  baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuuttis konkolaataa dhoksanii dhaabuun dargaggoota butanii keessa buusaa akkasumas humna waraanaa itti bobbaasuun dargaggootaa fi qonnaan bultoota ganda keessa ari’anii qabuun gara leenjii ergaa akka jiran hojii PP’n torbee darbe irraa qabee hojjechaa jiru irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading