ONM-ABO Hagayya 29, 2023
Angaa’ootni impaayeera Itoophiyaa turtii bulchiinsa isaanii dheereffachuuf jecha ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaa geessuun leenjisanii dirqama dabaa itti kennanii bobbaasanis, miseensonni waraana sirnichaa kan sabaan Oromoo ta’an sirnicha irraa amantaa dhabuun, fedhii isaaniitiin guyyaa gara guyyaatti meeshaa fi hidhannoo isaanii qabatanii Waraana Bilisummmaa Oromootti makamuu itti fufanii jiru.
Haaluma Kanaan Hagayya 26, 2023 godina baha Wallaggaa ona Nuunnoo Qumbaa bulchiinsa magaalaa Adaaree fi godina Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama gooticha waraana bilisummmaa Oromootti makamuun simaannaa hoo’aan taasifameefii jira.
Miseensonni waraana bilxiginnaa lamaan WBOtti makaman kun qawwee dachaatuu tokko, mil-tokkee tokko, rasaasa 450 fi hidhannoo 2 mooraa qabsoo bilisummmaa Oromoof galii tasiisanii jiru.
Dhuma irrattis yaada isaanii karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa kennaniin ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun sirnicha tumsaa jiran, qawwee fi hidhaannoo isaanii qabachuun gara mooraa qabsoo waraana bilisummmaa Oromootti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.


