• Tue. Jan 13th, 2026

Hidhattoonni finxaaleessaa Amaaraa Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti namoota nagaa irratti dhukaasa banuun nama lama ajjeessan

Sep 1, 2023

ONM-ABO Fulbaana 1,2023

Hidhattoonni finxaaleessaa Amaaraa Oromiyaa keessatti of ijaaranii fi daangaa qaxxaamuranii seenan yeroo garaagaraatti godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti gochoota hammeenyaa, ajjeechaa jumlaa fi saamicha gurguddaa uummata nagaa irratti raawwachuu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan dheengadda Hagayya 30, 2023 Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Mootii jedhamu keessatti hidhattootni finxaaleeyyii kunneen qotee bultoota lama irratti ajjeechaa raawwachuun barameera.

Namoonni garee jibbiinsa Oromummaa qabaniin ajjeechaan irratti raawwatames, Obbo Taarikuu Waaqumaa fi Obbo Dhaabaa Waaqee kanneen jedhaman ta’uus jiraattonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gareen finxaalessaan kun gocha ajjeechaa raawwataniin alattis loowwan hedduus saamanii deemuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading