• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti barataa galmee barnootaaf deemu reebuun miidhan

Sep 5, 2023

ONM-ABO Fulbaana 5, 2023

Murni faashistii PP humnoota garee adda addaatti moggaasee  qawwee itti hidhee bobbaasuun barcuma isaa ittiin tikfachaa jiruun uummatni Oromoo qe’ee isaa irratti dararaa guddaa argaa kan jiru yoo ta’u, humnoota kanaan miidhaan uummata irratti raawwatu jabaatee jira.

Akka kanaanis godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo araddaa Gammachiis keessatti milishootni sirna PP Dilbata dheengaddaa Fulbaana 4, 2023 barataa kutaa 12ffaa galmeef deemaa ture karaatti dhaabuun ergama deemta jedhanii erga reebanii dadhabsiisaniin booda hidhan.

Barataan osoo galmeef deemuu reebame kun Abdallaa Musxafaa yoo ta’u, reebicha hamaa irra ga’een abbaan isaa kadhatee hidhaa baafachuun baasii mataa isaan yaalchifachaa jira. 

Aanaa Xuulloo keessatti milishootni ergamtoota bilxiginnaa kanneen biroo waliin ta’uun halkan halkan reebicha, saamichaa fi dhukaasaan hawaasa goolaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading