ONM-ABO Fulbaana 6, 2023
Godina Walloo aanaalee adda addaa keessatti murni faashistii PP finxaaleyyii Amaaraa lafa Oromoota Walloo barbaadan itti bobbaasuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaa fi ajjeesaa ture, gocha hammeenyaa isaa kana itti fufuun godinicha aanaa Harxummaa keessatti hidhaan namoota dararaa jira.
Fulbaana 2, 2023 Sanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Waalkee jedhamutti qonnaan bultoota siyaasa kam keessaayyuu hin qabne sobaan yakkuun ooyiruu isaanii keessaa qabanii hidhaatti darbanii jiru.
Namootni ergamtoota bilxiginnaan qabamanii hidhaman kun Huseen Hasan ilma isaa Hasan Huseen waliin, Adam Muhee fi Ahimed Mahaammad jedhaman lafa hojii isaaniitii qabamuun mana hidhaa Caffaa Roobiit keessatti hidhamanii jiraachuun barameera.
Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo mirga yaada dhiyeeffachuu, of tiksuu fi mormuu isaanii godinicha keessatti irraa mulquun ajjeesaa fi saboota biroo itti naqee ajjeesisuun cinaatti qabeenya isaanii jalaa barbadeessaa turuun ni beekama.


