ONM-ABO Fulbaana 8, 2023
Seerotni barbaachisoo jedhamuun galmee Heera impaayera Itoophiyaa keessatti barreeffamaan ol ka’aamanii jiran hojii irra ooluu hanqachuun, Kaadirootnii fi waraanni sirnichaa dambii seeraan alaa tumachuun ittiin uummata hiraarsaa jiru.
Tuffii Saba bal’aaf Kan qaban waraanni pp Fulbaana 4, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Luugoo jedhamu keessatti, bakka hawaasni horii itti gurguratutti bobba’uun kaffaltii gibiraa seeraan ala fudhachaa kan jiran yoo ta’u, Haala baratamaa dura uummatni ittiin daldalatu jijjiiruun horii 1tti qarshii 100 kan ture gara qarshii 300, Harree 1tti 35 irraa gara 200tti fi re’een gatiin 25 irraa gara 100tti ol guddisuun fuudhaa akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduudhuma wal fakkaatuun baha Wallaggaa aanaa sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa jedhamu keessattis loltoonni sirnichaa bakka gabaa deemuun namoota bittaaf gurgurtaaf ba’aan irraa maallaqa muuzii irraa eegalee haga mi’oota gurguddaatti gibira guuraa jiraachuu jiraattotni ifoomsaniiru.



