• Sat. Mar 14th, 2026

Aanota Lixa Shaggar keessatti waraanni faashistii Itoophiyaa ilmaan Oromoo bifa suukkanneessaan ajjeesaa jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaa himan

Sep 11, 2023

ONM-ABO Fulbaana 11, 2023

Aanota lixa Shaggar keessatti yakkoonni waraanaa seerota Idil Addunyaa cabsanii fi sarbiinsi mirga namoomaa raawwatamaa jiran itti fufuun, ilmaan Oromoo sababa tokko malee qabuun mukatti hidhanii ibiddaan gubuu fi rasaasaan rukutanii ajjeesuun waraanni sirnichaa gochoota badii rawwaacha Jiru.

Bifuma kanaanis, godina lixa Shaggar ona Midaa qanyii keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Caalchisaa Mulgeetaa jedhamu waraanni shororkeessaan bilxiginnaa guyyoota muraasaan dura  qabanii erga of bira tursaniin booda, gara bosonaatti geessuun mukatti hidhanii ibidda itti qabsiisuun gubanii biraa deemuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti, Maatiin qonnaan bulaa kanaa manneen hidhaa aanicha keessa jiran irra deemanii gaafataa akka turanii fi dhuma irrattis miseensi waraana sirnichaa kan gocha kana keessaa harka qabuu fi tibba taatee kanaa achi ture tokko bakka inni itti mukatti hidhamee ibiddaan gubatee jiru itti himuun, dheengaddaa fulbaana 9, 2023 bakka qamni isaa guutuun haala nama gaddisiisuun gubatee jiruu maatiin arganii fudhachuu dubbatan.

Oduuma ajjeechaan Wal qabatuun, Lixuma Shaggar ona Jibaat ganda Moluu Faallee keessatti, barataa Badhaasaa Toleeraa guyyaa dhengaddaa jechuunis fulbaana 9, 2023 waraanni goolessaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesuunis beekame.

Onuma Jibaat ganda Maaruu Gomboottis  loltootni sirnichaa dargaggoo Abbushee Taakkalaa fi Solomoon jedhaman qabuun harka duubatti hidhanii  olii fi gadii  uummata keessa naannessaa erga turaniin booda, ganduma Maaruu Gombootti uummata Yaasuun bakka hawaasni bal’aa fi maatiin dargaggoota kanaa argamanitti rasaasa itti roobsuun gara laafina tokko malee ajjeesuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading