ONM-ABO Fulbaana 12, 2023
Sirni ajjeesaan dargaggoota Oromoo badii tokko malee rasaasaan fixaa jiru, baha Shawaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti dargaggoo tokko gaaffii tokko malee rasaasa 6 itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya himaniiru.
Fulbaana 10, 2023 aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa magaa Ho’ituu keessatti gaaffii tokko malee galgala sa’a 2 irratti karuma irratti rasaasa kan itti roobsan yoo ta’u, Haati isaas mucaa koo jettee iyyaa yoo gadi itti baatu reebicha hamaa irratti raawwachuun, caccabsanii lafatti gatanii deemuu maddeen keenya dabaluun himaniiru.
Dargaggoon ajjeefame kun maqaan isaa Araboo Gammadoo kan jedhamu yoo ta’u, hawaasni naannichaa qaama ajjeechaa kana raawwate maaliif akka ajjeesan yeroo gaafatanitti deemaa fuudhaa awwaalaa jechuun sababa biraa akka hin qabne yoo dubbatan, hawaasichi kaabinoota aanichaa yeroo gaafatanitti, yeroo ammaa kanatti waan akkasii hin gaafatamu, mucaa keessan fudhaa awwaalladhaa qofa akka ittiin jedhanis dabaluun addeessaniiru.

