• Mon. Sep 25th, 2023

Lixa Oromiyaa keessatti qaala’iinsi jireenyaa hammaachuun, gatiin mi’oota dunkaana irraa bitamanii olka’uu fi gatii qonnaan bultootni oomisha isaanii ittiin gurguratan ammoo baay’ee gadi bu’uu jiraattotni dubbatu 

Sep 13, 2023

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Dacheen Oromiyaa erga harka gita bittootaa seentee kaasee ilmaan ishee aara galfii dhabuun, murnoota aangootti dhufaniin qabeenyaa isaanii irratti dhiitamaa, hiraarfamaa fi waanjoo gabrummaan doorsifamuu bira darbee yeroo ammaa wantootni uummanni gara gabaa geessee gurguratuu fi ofii ammoo gabaa irra bitatu wal gituu dhabuun rakkachaa jiraachuu himu.

Akka jiraattotni godinoota garaa garaa keessaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, waantotni akka uffataa, kophee, Zayitii, walumaagalatti mi’oonni dunkaana irr5aa bitaman gatiin isaanii baay’ee ol ka’uun uummanni ammoo haala diinagdee isaa waliin walgitu dhabuun yaaddoo akka isaanitti ta’e dubbatu.

Qonnaan bultootni tokko kanneen akka horii, hoolaa, midhaan fi kanneen biroo gabaatti geessanii gurgurachuuf gatiin isaanii kan yeroo dura irra gadi bu’uu yoo ibsan, gabaabumatti qonnaan bultootni fi gabaan wal argachaa akka hin jirres kaasu.

Sababa Waraanni sirnichaa karaa gubbaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun daldaltoota irratti saamicha raawwataniif jecha daldaltootni illee akka barbaadanitti sochii godhanii qonnaan bultoota irra akka waa hin binne danqamanii jiraachuus dabaluun ibsu.

Sababni miidhamni nurra ga’aa jiruuf inni guddaan siyaasa impaayerichaa dirqiin nu fudhachiisuu Kan barbaadan geggeessitootni sirnichaa karaa dii
nagdeen nu cabsuuf sochii isaan gochaa jiraniin yoo ta’u, dhiibbaan kun akkasitti kan itti fufu yoo ta’e, uummatni kun beelaaf saaxilamuu mala jechuun hawaasni tokko tokko Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply