• Mon. Sep 25th, 2023

Kaabinoonni bilxiginnaa godina Iluu Abbaa Booraa ona Daarimuu fi Algee Sachii keessatti caasaa isaanii diigame humna waraanaatiin deebisanii ijaaruuf qophiitti jiraachuun saaxilame 

Sep 14, 2023

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo goleewwan Oromiyaa mara keessatti fudhachaa jiruun caasaan murna bilxiginnaa godaa hanga gubbaatti Kan diigame yoo ta’u, kaabinoonni bilxiginnaas humnoomuu fi irroomu waraana bilisummmaa Oromootti rifachuun bakkeewwan waraana bilisummaa Oromootiin to’atamanii turanitti caasaa isaanii deebisanii ijaaruuf humna waraanaa guddaa bobbaasuun uummata nagaa akka dararan gochaa jiraachuun himame.

Haaluma Kanaan, godina Iluu Abbaa Booraa ona Daarimuu fi Algee Sachii keessatti caasaa isaanii diigame deebisanii ijaaruuf humna waraanaa guddaa gara aanota kanneen lamaaniitti ramadanii bobbaasuuf qophiitti akka jiran saaxilameera.

Akka maddeen jedhanitti haleellaa gootichi waraana bilisummmaa Oromoo aanota kanneen keessatti fudhachaa tureen, caasaa isaanii sadarkaa gandaa kaasee hanga oliitti diigame deebisanii lafa qabsiisuuf humna waraanaa kana hanga gandoota baadiyyaatti bobbaasuuf qophiitti jiraachuu fi jiraattotni ona Daarimuu fi Algee Sachii of eeggannoo akka godhan maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gamanumaan dhaamaniiru.

Leave a Reply