SQ-Fulbaana 15, 2023
Waraanni Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa kaleessaa Fulbaana 14, 2023
Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Qarsaa bakka Arbuu-kannee jedhamutti namoota nagaa shan ajjeessan.
Waraanni Raayyaa Ittisa Biyyaa sabaan Amaaraa ta’an kun yeroo hedduu mooraa keessaa miliquun Uummata Oromoo argan ajjeesun gara Faannootti dabalamaa jiru.
Akkasumas Aanaa Giddaa keessaa Ganda Andoodee Dichootti Faannoon konkolaataa nama fe’ee gara Naqamtee deemaa turan hedduu saamuun, Namoota irratti miidhaa cimaa geessisanii jiru. Maqaa namoota ajjeefamanii kanneen ganda Qarsaa:
1.Elias Ayyalaa(Abbaa Warraa)
2.Nuuraa sayiduu (Haadha warraa) ulfa garaa qabdu
3.Ahmed Elias Ayyalaa
4.Tasfaayee Margaa
5.Mohaammed Ahmeduu jedhamu.
Ajjechaan kun har’as itti fufee akka jiru maddeen nuuf heeraniiru, akka nu dhaqqabeen ifoomsina.







