• Wed. Nov 29th, 2023

Murni Abbaa Irree Gochoota hamoof fiixee gara jabummaa isa dhumaa agarsiisan jabeessee ilmaan Oromoo irratti fudhachuu itti fufe

Sep 21, 2023

SQ-Fulbaana 21, 2023

Barataa Maariqoos Tolasaa Raggaasaa Magaalaa Dambii Doolloo tti Waraanni Mootummaa maqaa Shanee jedhuun harka isaa duubatti hidhanii Fannisuu dhaan dararaa jabaa irraan gahan. Torbee lamaa oliif harki isaa dhiita’ee Tortoree waan Waraana sanatti Foolii fidee rakkiseef Hospital Dambii Doolloo biratti dhaqanii gatan. Harki isaas irraa cite. Kichuun keenya kuchummaatti ciccitte. Garboomfataan hanga jirutti dararaan garaa isa gahu hin jiru lubbuu baafamuun garuu Dararrii irra filatamaa fakkaata.

Kichuun ammas dhukkubbiin irraa hin citne. Maatii akkaan harka qalleessaa keessatti dhalate. Hiree Ilma kanaa Oromoon maal jedha?

Leave a Reply