• Sat. Jan 3rd, 2026

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti hidhattootni faashistii PP namoota hedduu jumlaan hidhuu fi saamicha qabeenya qonnaan bultootaa irratti raawwachuun dhagaa’ame 

Sep 27, 2023

ONM-ABO Fulbaana 27, 2023

Hidhattootni garee maafi’aa PP ilmaan Oromoo hacuucanii dinagdeen akka hin guddanne fi uummatichi akka jiruu gadadoof saaxilaman gochuu barbaadan kunneen Oromiyaa golee mara keessattuu gochootuma wal fakkaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Jammoo Kinnoo jedhamu keessatti qabeenya namoota hedduu saamuu fi hawaasa nagaa hedduus jumlaan hidhaanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Akka jiraattootni kun jedhanittis guyyaan isaa guyyaa gabaa waan tureef kaabinoonni fi waraanni sirnichaa wal makuun magaalaa aanichaa kan taate Qalaxee irraa ka’uun gara ganda Jammoo Kinnootti osoo imalaa jiranii tarkaanfii  gootichi Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhateen aarii keessa galuun akka jiraattoota kana  dararanis dabaluun dubbatu.

Haleellaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irratti fudhate kanaanis Koloneela tokko dabalatee kaabinoonni Muluu fi Baay’isaa jedhamanis ajjeefamuu jiraattootni kun himu.

Namoonni gochaa isaanii malee manguddoota hanga daa’immanitti hidhamanii dararamaa jiran kunneenis Borjaa Taamannaa haadha manaa isaa waliin, Taaddasaa Dafarshaa ijoollee isaa lama waliin, Jaarsa biyyaa Obbo  Aggizuu Bultoo nama umuriin isaa 70 olii fi obbo Qarsuu Baqqalaa kanneen jedhaman irratti reebichi ulfaatan raawwatamuu fi qabeenyi isaanii guutummaatti jalaa barbadaa’uus himu.

Loowwan Hawaasa ganda kanaas saamuun gariin gurgurachuun gariin ammoo qalatanii nyaachaa jirus jedhaniiru.

Namootni mana hidhaa aanichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran lakkoofsaan afurtamaa ol ta’uu fi haalli isaan keessa jiran yaaddessaa ta’uus dubbatu.

Uummanni ganda sanaa gariin qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e jiraachuu fi kuun ammoo lubbuu isaanii oolfachuu gara bosonatti baqatanii jirus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading