ONM-ABO Fulbaana 29, 2023
Karoora bilxiginnaan yeroo aangootti dhufee kaasee afaanii fi aadaa Oromoo dhabamsiisuuf baafate suutaan hojiitti hiikaa kan jiran murnoonni sirnichaa, Oromoo fi Oromummaa balleessuuf jecha sabaa fi sablammoota Oromoo irratti kakaasanii ilmaan Oromoo ibiddaan fayyaatti gubaa fi gubsiisaa akkasumas rasaasaan waadaa, gariin ammoo hiree isaa Mana hidhaa taasisuun, yeroo ammaatti ammoo sagantaa afaan uummatichaa dhabamsiisuuf qophaa’e fudhatanii as ba’anii jiraachuun beekame.
Haaluma kanaan, bulchiinsa magaalaa Jimmaa Keessatti torban kana qondaaltotni fi hooggantootni biiroo barnootaa wal-gayii taa’aa jiraniin qabxii waa’ee barnoota afaan Oromoon baratamuu kaasuun, waggaa kana irraa eegalee kenniinsi barnoota afaan Oromoo sadarkaa qophaa’inaa Kan kutaa 11ffaa fi 12ffaa akka hafuuf murtee irra ga’anii jiraachuu maddeen keessoo bilxiginnaa nuuf ifoomsaniiru.
Dachee Oromiyaa irratti afaan Oromoon akka hin baratamne Kan fedhan ergamtootni PP, dheebuu ilmaan nafxanyootaa guutuuf jecha yeroo afaan Oromoo sadarkaa addunyaatti hojii eegalee jiru kanatti, uummatni abbaan afaanichaa afaan barnootaa akka hin taasifanneef dalagaa jiraachuun isaanii gadadoo uummatni Oromoo impaayerattii keessatti dhamdhamaa jiru mullisa jechuun jiraattotni magaalaa Jimmaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.






