• Sat. Mar 14th, 2026

Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti hidhattootni bilxiginnaa qabeenya namootaa saamuu jiraattotni himatan 

Sep 29, 2023

ONM-ABO Fulbaana 29, 2023

Erga Koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee ilmaan Oromoo qaala’iinsa jireenyaan walqabatee rakkoo hamaa keessatti kufuun, yeroo ammaas saamichi karaa kaabinoota murnichaan hawaasa irratti hammaachuutu dhagaa’ama.

Haaluma kanaan, Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum araddaa Najaabaas keessatti Waraanni fi dabballoonni murnichaa waliin ta’uun namoota hedduu ooyiruu isaanii irraa buqqisuun qabeenyaa isaaniis saamanii jiru jedhu jiraattotni araddichaa.

Namootni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneenis Aliyyii Jamalee Mahaammad, Usmaa’ilee Kadir, Qasim Hamzaa, Barisoo Muusaa, Ballisaa Umar, Amadoo, Adam, Abiraam, Ballisaa Aliyyii, Leencoo Jamaal fi Muusaa Mohammad kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kanneen jalaa qe’ee fi qabeenyi barbadaa’uun himame.

Akkasumas aanicha keessatti haadholii umuriin isaanii ganna shantamaa olii dabalatee namoonni dhibbaa ol ta’an maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuu fi nyaachistuun magaalaa Ciroo dabalatee gandoota aanichaa keessaa hidhamanii dararamaa jirus jedhaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa impaayerattii mudatee jiruun wal qabatee waantootni hawaasni dukkaana irraa bitatuu fi ofii gabaa baasee gurguratu wal gituu dhabuun uummanni rakkoo keessa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading