• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti uummata Oromoo fi Saba Amaaraa walitti buusuuf kaadirootni PP Shira dalagaa jiraachuun saaxilame

Sep 30, 2023

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Gochoonni murni bilxiginnaa yeroo rakkoon siyaasaa harkatti Wal xaxxetti sabaaf sablammoota Oromiyaa keessa jiraatanii fi ollaa Oromiyaatti argaman hawaasa Oromoo irratti kakaasuun tapha siyaasaa geggeessuuf raawwachaa turan yeroo ammaas jabaatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan torbee darbe fulbaana 22, 2023 irraa eegalee godina Arsii bahaa aanaa Gadab Asaasaa Keessatti kallattii adda addaan jiraattota sabaan Amaara ta’anii bakka Sana qubsiifamanii jiran, olola uummatni Oromoo WBO waliin qindaa’ee isin fixuufi jedhu oofuun uummata Oromoo irratti dadammaqsaa kallattii biraan ammoo garee finxaaleessaa faannoo onichatti ijaaruun ilmaan Oromoo ittiin dararsiisaa jiru.

Dabalataanis ammoo Saba Amaaraa naannicha jiraatan waraana bilisummaa Oromoo fakkeessuun butanii maallaqa adda addaa gaafachuu fi birmannaa namoota miidhameef jechuun siyaasa xixiqqoon burjaajii hedduu uumaa jiraachuu fi yeroo hedduus namoota nagaa ajjeessanii Miseensota WBOti jedhanii reeffa namoota nagaa bineensa nyaachisaa akka jiranis maddeen ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading