• Mon. May 4th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee hedduu keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP Sakatttaa waraana bilisummaa Oromootiif  uummata dirqamaan bobbaasaa jiraachuun himame

Sep 30, 2023

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Murni bilxiginnaa yeroo hedduu Waraana Bilisummaa Oromoo balleessine, biyyoota ollaatti baqatan akkasumas sadarkaa biyyaaf yaaddoo ta’an irra hin jiran jechuun karaa miidiyaa fi dabballoota isaanii ololaa turuun ni beekama.

Haa ta’u malee dubbiin akka isaan odeessan sana osoo hin taane faallaa jechoota isaanii Waraanni Bilisummaa Oromoo horee baayyachuun golee Oromiyaa mara walga’uun diinaaf ergamtoota isaanii kokkee qabuu irratti argama.

Kun hundumtuu dadhabamee jennaan tooftaa mataa isaanii baafachuun kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee hedduu keessaa afaan qawween dirqamsiisanii uummata mana mana irra deemuun akka ba’anii Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta’an gochaa jiru.

Namoota hedduu dirqamaan kan yaasaa jiran yoo ta’u, namoota lakkii lolli kun nun ilaallatu jedhanii didan qarshii 5000 hanga 6000 adabaa jirus jedhan.

Namoota hedduus hidhata isaanii qabdu kanaaf duuluu diddan jechuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti galchanii dararaa jirus jedhaniiru.

Namootni hedduunis magaalaa Qicicoo keessaa hidhattoota sirnichaan nuti lola nu hin ilaallanne keessatti hin hirmaannu jechuu isaaniif qofa guyyaa kaleessaa jechuun Fulbaana 29, 2023 namoota maqaan isaanii Amadooyyaa Adam, Mohammad Suwaayilii, Imaamee Abbaa Imaamee fi Nursen kanneen jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhan jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading