• Sat. Mar 14th, 2026

Murni faashistii PP mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo qabee hidhuu jabeesse

Oct 6, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo bakkoota hundatti badii tokko malee maqaa siyaasaan qabee dararuu bare dheengadda Onkoloolessa 4, 2023 mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo afur qabuun mana hidhaatti darbachuu maddeen himan.

Roobii darbe ganama imaltoota magaalaa Gambeelaa irraa ka’uun gara magaalaa Jimmaa deemaa turan 2 naannoo Baaroo Qallaa jedhamuun beekamutti konkolaataa irraa buusuun mooraa waraanaatti kan geeffatan yoo ta’u, abbootii maatii 2 ammoo magaalaa Gambeelaa keessaa guyyuma sana waaree booda qabanii hidhuun barameera.

Namoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne konkolaachisaa Baajaajii abbaa maatii Hundee Dirribaa fi hojii cilee gubuun kan jiraatu Gammachuu kan jedhamuu dha.

Magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo yookiin warreen haala mijeessaniif jedhamuun kan fudhataman yoo ta’u, sababa kanaanis waraana bilxiginnaa sirna Abiy Ahimed jibbuun keessaa badan isintu haala mijeesseefii gara WBOtti geessa jechuun hedduun ajjeeffamaa, hidhamaa fi eessa buutee dhabamsiifamaa jiraachuun ni beekama.

Akka maddeen jedhanitti ilmaan Oromoo qabamanii hidhaman kun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoof as teessanii haala mijeessaafii jirtu jedhuun akka ta’e dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading