ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2023
Maqaa qamadii misoomsinaan murni garee maafi’aa PP uummata yeroo dheeraaf Ooyiruu isaanii irraa qotatanii jiraatan dirqamaan milishootaa fi kaabinoota sirnichaa itti bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan walqabatee rakkoo hamaa keessa jiran hiraarsaa jiru.
Haaluma kanaan godina Harargee bahaa aanaa Qarsaa ganda Ballaa Laanga’ii keessatti hidhattootni sirnichaa fi milishoonni gandaa waliin ta’uun namoota nuti lafa kana yeroo dheeraaf irraa qonnee nyaachaa turre kanaaf hin kaanu feetan asumatti nu ajjeesaa jedhan jumlaan mana hidhaatti guuranii dararaa jiru.
Namoota Ooyiruu isaaniif jecha hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni Shariif AbdulKaalid, Feeysal Majiid, Leencoo Siraaj, Mammad Aliyyii, Muktaar Maammad, Musxafaa Aadam fi Aamad Jundii kanneen jedhaman ta’uus jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Murni bilxiginnaa uummanni osoo beelaan dhumaa jiruu teessuma aangoo isaaf jecha qamadii biyya alaatti erguu qabna jechuun karaa miidiyaa fi dabballoota isaanii ololaa turuu fi sobanii akka waan biyya keessa beelli hin jirreetti addunyaatti dhageetti ittiin argachuuf waan hojjatamaa jiruudhas jedhaniiru.


