ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023
Ajjeechaan gara jabeenyaa waraana PP’n hawaasa Oromoo irratti geggeefamaa jiru daran Kan duraa irra jabaachuun duguuggaan sanyii nurratti jabaatee jira jechuun jiraattonni Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii dubbatu.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Biqiltuu Abootee keessatti Onkoloolessa 5, 2023 ganama bariin gootichi waraana Bilisummaa Oromoo humnoota badii ergamtoota bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO tiin bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen kan mufatan loltootni sirnichaa dargaggoota sadii qabuun lama keessaa yoo ajjeessan, tokko ammoo fiigee harkaa miliquu maddeen achii addeessan.
Namootni qabamuun ajjeefaman kunneen Toomaas Gabruu Mirreessaa abbaa daa’ima tokko fi Amaanu’eel Safaraa tajaajilaa waldaa kiristaanaa Ganda Biqiltuu Abootee yoo ta’aan, ganda Qumbaabii Ca’ii bakka addaa Maqa Qarsaatti kan ajjeefamanii fi dargaggoon harkaa fiigee miliqe kun ammoo Amaanee Hambisaa kan jedhamu ta’uus maddeen ONM tti himan.
Guyyuma kana saamichi qabeenyaas jiraattota irratti kan raawwatame yoo ta’u, nama maqaan isaa obbo Kinfuu Yaadataa jedhamu jalaa Dunkaana cabsuun kophee fi uffata dabalatee qabeenyaan qarshii 45000tti tilmaamamu yoo saamamu, Mana obbo Jaatoo Danuu keessaa ammoo uffata ijoollee isaanii Kan yeroo eebbaa fi qophee miilla 5 fi qarshii 15000 saamunis himame.
Dabalataanis ammoo Barsiisaa Wandimmuu Qindeessaa Mana barnootaa Biqiltuu Abootee sadarkaa 1ffaa jalaa Qophii isaanii guutummatti, dookimeentii guutuu, uffata isaa akkasumas qabeenyaa inni qabu guutummaatti Kan saamanii fi Obbo Mikaa’eel Raagaa jalaa ammoo uffanna halkanii, siree irra bulan, uffanna ijoollee fi Kan haadha warraa isaanii saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.




