ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023
Torbanoota darban irraa kaasuun murni bilxiginnaa magaalota gurguddoo impaayerattii keessatti marii akkaataa itti caasaa murna bilxiginnaa diigamee jiru deebisanii ijaaruun danda’amu irratti mari’achaa jiru jedha hirmaataan walga’icha irratti argame tokko akka himetti.
Oromiyaa keessatti lafa Waraana Bilisummaa Oromoon caasaan isaanii diigamee jiru deebisanii akkamittiin akka ijaaruu danda’anii fi maallaqni uummata irraa funaanamee akka tumsi raayyaa ittisa biyyaaf ta’uu qabu irrattis mari’achaa jiru jedhu.
Kaabinoonni kunneen gaafa maree isaanii xumuranii ba’anis maqaa deggersa adda addaa moggaafachuun uummata irraa maallaqa funaanuuf qophiitti akka jiranii fi maallaqni funaanamu kun humna waraanaa qofaaf akka ooolus maree isaanii keessatti kaasaniirus jedhe.
Itti dabaluunis yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa uummata rakkisaa jiru kanatti teessuma aangoo isaaniif jecha hawaasa beelaan fixuuf gara laafina tokko malee karaa tokko rasaasaan ajjeessuun karaa biroon ammoo maallaqaan saamuun uummaticha lafa irraa duguuguuf karoorfatamee waan hojjatamaa jirus jechuun hirmaataan kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.


