• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromootiin saamichi qindaa’ee nurratti gaggeeffamaa jira jechuun jiraattotni himan

Oct 13, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023

Waraana bilisummaa Oromoo hadheessuuf dhimmee hojjjechaa kan jiru murni bilxiginnaa, dargaggoota maallaqaan goyyoomsee magaalaa fi baadiyyaatti qindeessuun maqaa Waraana bilisummaa Oromootiin hawaasa dararsiisaa kan jiru yoo ta’u, WBO xureessee uummata Oromoo ittiin jibbisiisuuf tarsiimoo dheeraa baafatee hojii isaa itti fufee jira.

Bifuma kanaanis, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti doorsisni maqaa WBOtiin qindeeffamee raawwataa jiru jabaachuun, abboota qabeenyaa gandoota baadiyyaa fi magaalaa lubbuu isaaniin doorsisuun maallaqa harkaa guuraa kan jiranii fi gochichi guyyaa irraa gara guyyaatti hammaachaa kan jiru ta’uu jiraattotni dubbatu.

Saamichi kun baatii Fulbaana darbee irraa eegalee hanga ammaatti itti fufee gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, namootni hedduun maallaqa kuma dhibbootaa hanga miliyoonaatti garee kanaan gaafataman kaffaluu dadhabuun biyyaa baqachaa jiraachuus jiraattotni rakkoo nageenyaaf maqaan isaanii akka dha’aamu hin barbaanne yaada kennaniin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading