ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023
Yakka tokko malee ilmaan Oromoo impaayeera Itoophiyaa keessatti baatiilee dheeraaf hidhamuun, osoo mana murtiitti hin dhiyaatin turtii yeroo dheeraaf hiraarfamuun humnoota waraana PP’n mana hidhaatii baafamanii ajjeefamuun bartee ta’ee jira.
Haaluma kanaan dargaggoon maqaan isaa Abdiisaa Tufaa jedhamu dhalataa lixa Shaggar magaalaa Amboo kan ta’e Waggaa darbe waraana goolessaa PP’n godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaay keessaa qabamuun akka hidhame hiriyyoonni isaa dubbatu
Iyyaafannoo yeroo dheeraa boodas maatiin isaa hidhamuu Abdiisaa kan dhaga’an yoo ta’u, rakkoo isarra ga’es haalli fageenyaa isaan gidduu jiru danquun hubachuus kan hin dandeenye, Abdiisaanis magaalaa Awwadaay keessaa gara aanaa Malkaa Bal’oottis humnoota mootummaan dabarfamuun waajjira Poolisii magaalaa Jaajaattis hidhamee maqaa ati miseensa WBOti jedhuun reebichi ulfaatanis irratti geggeefamaa akka tures dabaluun maddeen himan.
Maallaqa guddaa qarshii 100,000 gaafachuun si baasna jedhanis maatiin lubbuu oolfachuuf kan irratti kaffalan garuu guyyaa dheengaddaa du’a ilma isaanii dhaga’uun qe’een isaaniis gadda uffatee akka jiru jiraattonni ifoomsaniiiru.

