• Tue. Jan 13th, 2026

Dhaabbanni Ejensii Commercial Nominees jedhamu magaalaa Bishooftuu keessatti hojjettoota qacaree hojjechiisaa jiru bakka dhalootaan adda baasee hojii irraa ari’aa jiraachuun beekame

Oct 15, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023

Magaalaa Bishooftuu keessatti Ejensiin Commercial Nominies jedhamu, kan hojiilee tajaajiloota garaa garaaf humna namaa Baankii Daldala Itoophiyaatiif dhiyeessu, bakka dhalootaan adda qoodee hojjettoota Lixa Oromiyaatti dhalatan hojii irraa dhaabaa jiraachuun gabaafame.

Dargaggoota Lixa Oromiyaa irraa dhufuun hojii eegumsa Baankichaatti qacaramuun hojjetaa jiran WBO deggertu jechuun ragaa tokko malee sababoota garaa garaa itti guuruun namoota 12 hojii irraa dhaabsisuun doorsisaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.

Namoonni ari’aman kunis namoota maatii hooggananii fi daa’ima guddifachaa jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kiraa manaallee waan kaffalatan waan hin qabneef haalli jireenya isaanii daandii irratti akka bahan isaan dirqisiisaa jira. 

Namootni hojii eegumsa baankii daldala Itoophiyaa irraa ari’amuun hidhamanii jiran kan ammaaf maqaa arganne:-
1.Lijaalem Gannatii
2.Gaaromaa Tafarraa
3.Taakkalaa Birhaanuu
4. Margaa Baayisaa
5.Roobaa Girmaa
6.Tolaa Dabalaa
7.Basha’aa Qalbeessaa
8.Lammaa Takkumaa
9.Fayyisaa Alamaayyoo
10.Jireenyaa Waaktolee kan jedhaman yoo ta’an kanneen maqaa hin argatiinis ni jiru.

Namoonni kunneen hundi dhalootaan Lixa Oromiyaa yoo ta’an badii qabaatanii otoo hin taane, maqaa deggertoota WBOti jedhu itti maxxansuun hojii irraa akka dhaaban maddeen keenya himaniiru. 

Haga ammaatti hojii irraa dhaabuun miindaa irraa kutuu malee xalayaan hojii irraa gaggeeffamuu isaaniillee akka hin kennamiiniif kan dubbatan maddeen keenya, hojii biraas akka hin barbaaddanneef ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii isaanii dhorkatanii jirus jedhaniiru.

Yeroo isaan muuxannoo hojii fi ragaa barnoota  isaanii gaafatan, isin hiina jechuudhaan itti dhaadatus jedhanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading