• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti haleellaa meeshaa gurguddaa ZU-23 fi Moorteraa murni bilxiginnaa hawaasa nagaatti dhukaasaniin lubbuun namaa fi qabeenyaan barbadaa’uun beekame

Oct 20, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Oromiyaa keessatti dhiittaan mirgoota namummaa garee maafi’aa PPn ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru kan ija addunyaa jalaa dhokate yoo ta’u, lubbuun ilmaan hiyyeessaa hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun tiksitoota impaayerattiitiin duguuggaan sanyii raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Minaaree keessatti meeshaa gurguddaa ZU-23 fi Moortera hawaasa nagaatti dhukaasuun namni tokko ajjeefamuun lama yoo mada’aan qabeenyi hawaasaas gubachuun barbadaa’eera.

Barsiisaa Turaa Dabalaa itti gaafatamaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Calalaqaa kan ta’e  haleellaa kanaan yoo du’u, Warqituu fi Caalaa Mummichaa kan jedhaman madoo ulfaataa irratti raawwatameen magaalaa Incinniitti yaalamaa jiraachuus dubbatan.

Akkasuma Baay’isaa Mummichaa jalaa manni kireeffamuu kan kutaa hedduu qabu guutummaan guutuutti mi’a mana keessaa dabalatee gubachuun yoo barbadaa’u re’ee fi hoolaa dabalatee qabeenyi kireeffattoota mana sanaas jalaa manca’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading