• Sat. Mar 14th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Walisoo keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhuun waraanni PP manneen qonnaan bultootaa guban

Oct 28, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Uummanni godina kibba lixa Shaggar rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan dubbatan jiraattotni aanota kanneenii, yeroo ammaas aanota godinichaa hedduu keessatti saamicha dabalatee hidhaa fi gubaatin manneen namootaa hidhattoota fi kaabinoota murna bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatu.

Akkuma “Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane” jedhan sana waraanni sirnichaas qaama hidhatee dirreerraa isa lolu dhiisee hawaasa nagaa gidirsaa jiraachuu ragaan hawaasa bakkichaa irraa argamu ni mul’isa.

Aanaa Walisoo ganda Xonbee keessatti isintuu waraana bilisummaa Oromoo fidee nu rukuchiisaa jira jechuun manneen qonnaan bultoota lamaa ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattotni himatu.

Dheengadda jechuun Onkoloolessa 25, 2023 hidhattootni gandichatti bobbaafaman kunneen  mana qonnaan bultoota abbaaf ilmaa maqaan isaanii obboo Addunyaa fi ilma isaanii Bulloo jedhamuu mi’a mana keessaa waliin guutummaan guutuutti gubanii barbadeessan jedhu jiraattotni.

Qabeenyi qonnaan bultoota kana jalaa gubatee kun gara qarshii miliyoona tokkoo oliitti kan tilmaamamudha jechuun, kun ammoo Oromoo xiiqii keessa galcha malee kan duubatti deebisu miti, warreen qawwee fi aangoo qabanitti fayyadamanii haaloo hawaasa nagaa irratti ba’aan kunneen ammoo waan harka isaanii ni argatus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading