• Wed. Jan 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhuu hammeessan

Nov 3, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Seenaa qabsoo riphee loltoota addunyaa kanaa warreen bilisummaa isaaniif qabsa’aa turanii akkasumas duula abbootiin irree riphee loltoota dhabamsiisuuf taasisaa turan keessatti mullatee kan hin beekne, hidhaa, ajjeechaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu Impaayera itoophiyaa keessatti murna bilxiginnaan gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti ilmaan keessantu WBOdha akkasumas isin deggertoota isaaniiti ni tumsitu jechuun, kaadirootni PP namoota nagaa hidhaa kan jiran yoo ta’u, namoota Ilmaan keessantu bosona jira jechuun hidhaman keessaa Huseen Ahimad fi Huseen Mohaammed kanneen jedhaman warroota ammaaf maqaan nu ga’ee fi isaan maqaan nun ga’in hedduunis hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen himan.

Aanichuma magaalaa Qiciicoo jedhamtu  keessatti Kaleessa Sadaasa 2, 2023 hidhaa fi dararaa namoota nagaa irratti gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf barattoota Hiriira ba’aan loltootni PP itti bobba’uun reebicha eega irratti gaggeessaniin booda barattoota kutaa 10ffaa Abduu Maammudee fi Qaasim Mohaammed jedhaman dabalatee barattoota hedduu hidhuu maddeen godina Walloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading