• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa badii tokko malee hidhuu jabeessan

Nov 6, 2023

ONM-ABO Sadaasa 6, 2023

Gareen maafi’aa PP badii tokko malee ilmaan Oromoo maqaa isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun bakkayyuu hidhee dararuu itti fufuun godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa keessaa maatii tokko guutuutti hidhee rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti Kibxata darbe Onkoloolessa 31, 2023 aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Kaarraa keessaa namoota 12 gocha isaanii malee mooraa waraanaa gandicha qubatee jirutti hidhanii reebaa erga turaniin booda gara buufata poolisii aanaa Adaabbaatti geessuun hanga ammaa waan isaan hin beekneen rakkisaa jiraachuun barameera.

Maatiin hidhamanii jiran kunis Aloo Haaji Huunee, Adam Haaji Huunee, Abduljaliil Haaji Huunee, Abdurree Haaji Huunee, Usaa Haaji Huunee, Jamaal Haaji Huunee, Sheek Idiris Aloo, Abdulgaffaar Aloo, Kadir Haaji Huunee, Usulee Maammudoo, Abdurrazaaq Abdurrii fi Mohaammad Huseen Jamaal kanneen jedhamaniidha.

Namootni kunneen maatii fi firoottan Haaji Huunee yoo ta’aan gareen faashistii PP kun ganda Haqoo Kaarraa keessaa ooyiruu isaanii akka dalagatanii hin jiraanneef sababa irratti uumuun erga hidheen booda qe’een isaanii burjaaja’ee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading