• Fri. Mar 13th, 2026

Baha shaggar aanaa Boosat keessatti dargaggoonni 4 waraana maafi’aa PP’n ajjeefamuun himame

Nov 10, 2023

ONM-ABO Sadaasa 10, 2023

Impaayera Itoophiyaa keessatti dhiigni lammiilee nagaa waraana murna bilxigginnaan namoota nagaa akka ajjeesaniif bobbaafamaniin namootni nagaan Oromiyaa jijjiiruuf abdachiisoo ta’an yakka osoo hin qabaatin dhiigaa fi lafeen itti cabuun duguuggaan sanyii irratti raawwataa jira.

Haaluma kanaanis godina baha Shaggar aanaa Boosat ganda Gaarrii jedhamu keessatti Sadaasa 7, 2023 dargaggoonni 4 haala sukanneessaan akka ajjeefaman Kan himan jiraattonni, namootni badii malee waraana kanaan ajjeefaman kunis maqaan isaanii Tamasguu Illikuu Dastaa, Xaasoo Daadhii Dachaasaa fi Abbaatuu Baqqalaa Boruu namoota jedhaman yoo ta’a nama tokko maqaa isaa hin argatin jirra.

Dhiibbaan akka guutuu Oromiyaatti jabaatee jiru kun dhibbeentaan guyyaatti ilmaan Oromoo irratti waraana goolessaa PP kanaan ta’aa jiru  haalan guddataa Kan jiru yoo ta’u, haalli itti fufee jiru Kun egeree uummatichaatiifis yaaddeessaa akka ta’aa jiru jiraattonni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading