ONM-ABO sadaasa 13, 2023
Akka CNN kaleessa gabaasetti lolli cimaan naannoo hospitaala guddicha Gaazaatti geggeeffame hospitaalicha “haala balaa guddaa” keessa galchee jiraachuu himuun, dhukkubsattoonni fi hojjettoonni hospitaalicha keessaa qabamaniiru, ambulaansonni namoota madaa’an walitti qabuu akka hin dandeenyee fi sirni lubbuu baraaruu ibsaa malee akka ta’e qondaaltonni fayyaa fi dhaabbileen gargaarsaa gabaasaa jiru.
Akka Médecins Sans Frontières (MSF), Dookterootni daanga maleeyyii Doctors without borders jedhamuun beekamanitti, boombiin yeroo hunda darbatamu namoota baqachuu dhorkuu fi imala ambulaansiidhaaf baay’ee balaa taasiseera, naannoo hospitaalichaatti haalli hamaan jiraachuu dhaabbatichi dubbata.
Gaazexeessaan bilisaa tokko CNN’tti akka himetti haalli kun hamaadha, ogeeyyiin fayyaa ibsaa dungoon hojjetu, nyaanni tilmaamaan ramadamaa jira, qabeenyi biroos hir’achaa dhufeera jechuun haalicha ibsa.
Lola cimaa naannoo sanatti geggeeffamaa jiru gidduutti hospitaalichi “tajaajila ala” erga ta’ee booda daa’imman reefuu dhalatan sadii du’uu isaanii Ministeerri Fayyaa Hamaasiin to’atamu kan ibse yoo ta’u, hospitaalichi gama arfaniin humnoota Israa’eliin guutumaan guutuutti marfamee jira” jedhan.
Waraanni Israa’el gama isaatiin naannoo hospitaalichaatti Hamas irratti “lola cimaa itti fufanii jiraachuu CNN’tti himuun, garuu wiirtuu yaalaa kaaba Gaazaa irratti dhukaasa banuu kan haalu yoo ta’u, yaada hospitaalichi marfamuu isaa ibsus kuffiseera. Israa’el hoggantoota hospitaala waliin wal qunnamtii akka qabduu fi namootni akka baqataniifis gargaarsa dhiheessiteetti jedhan.
CNN guyyoota darban keessa namni naannoo hospitaalichaa keessaa bahuu fi dhiisuu isaa mirkaneessuu hin dandeenye.
Daarektarri Olaanaan ministeera fayyaa Dr. Munir Al-Bursh CNN’tti akka himanitti, daa’imman Hospitaala Al-Shifaa keessaa lama halkan Jimaataa fi Sanbata giduutti du’aniiru jechuun kunis kuusaan boba’aa isaanii rukutamuun jenereetarri daa’imman da’umsa booda inkubaatorootaaf humna kennaa ture erga cufamee booda ture. Kan biraa ammoo Sanbata ganama du’e jedhan.
Dhaabbanni tola ooltummaa yaalaa MSF hojjettoota isaa Hospitaala Al-Shifaa keessaa “haala balaa guddaa” keessa jiraachuu ibsuun, namoota isaa kamiyyuu qunnamuu akka hin dandeenye ibseera.
Dhaabbatichi ibsa Sanbata dheengaddaa baaseen “kana booda ambulaansonni namoota miidhaman walitti qabuuf socho’uu hin dandeenye, boombiin walitti fufiinsaan darbatamu dhukkubsattoonni fi hojjettoonni akka hin baqanne dhorkeera” jedheera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n hospitaalicha keessaa namoota quunnamaa turan waliinis qunnamtii dhabuu isaa kan gabaase yoo ta’u, haalli lafarra jiru “baay’ee yaaddessaa fi sodaachisaa” dha jechuun CNN gabaasa isaan beeksiseera.
Aljazeeraanis gabaasa kaleessa baaseen hospitaalli Al Shifaa magaalaa Gaazaa keessaa guutuutti tajaajila ala ta’uu ibsuun, tajaajila dhukkubsattootaaf sababa haleellaa Israa’el jabaateef laachaa akka hin jirre Ministeera fayyaa Gaazaa wabeeffachuun ibse.
Aljazeeraan itti dabaluunis hojjettootni fayyaa West Bank magaalaa Raamaalaa keessatti hiriira ba’uun Gaazaa keessatti tajaajilaa ala ta’uu dhaabbilee fayyaa mormuu dabaluun addeesseera.




