ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Sadaasa 8, 2023 irraa kaasuun murni bilxiginnaa Teessuma aangoo isaa tikfachuuf jecha uummata oofiifuu qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’ee waan qabuuf dhiisu wallaalee boqonnaa dhabee qabsoo jireenyaa geggeessaa yeroo jirutti, maqaa gibira kaffalaa jedhuun maallaqa humnaa olii uummatatti murteessuun afaan qawween irraa guuraa jiru.
Akka maddeen keenya magaalaa Harar Arattanyaa jedhanitti uummata mataa isaa jiraachisuu dadhabee rakkachaa jirutti gibira humnaa olii kaffalaa jechuun dirqamsiisanii irraa guuraa kan jiran yoo ta’u uummanni hedduunis nutuu gargaarsa barbaanna eessaa fidnee isiniif kaffalla jedhanis, afaan qawween doorsisanii mana hidhaatti galchanii dararaa jirus jedhan.
Waajjira Poolisii magaalichaa uummanni guutuu irraan kan ka’e hawaasni bakkee keessa teendaa uffatee bulaa jira jechuun, guyyaa guyyaa ammoo aduun waadamaa jirus jedhan.
Akka maddeen dabaluun ibsanitti maallaqni uummata irraa funaanamu kun bu’uuraalee misoomaa uummataaf oolchuuf osoo hin taane, humna waraana isaanii qofaaf oolchu jechuun himu.





