• Wed. Nov 29th, 2023

Jilli Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa fi itti aanaa isaa Jaal Gammachuu Abboyyeetiin hogganamu marii nagaa sadarkaa ol’aanaaf Taanzaaniyaa seenanii jiru

Nov 15, 2023

Marii sadarkaa ol’aana kana ummataaf yeroon beeksisuun sababa itti hanqatee hoggansi ABO-WBO Oromiyaa irraa gara bakka galma marii Taanzaaniyaatti dabarsuuf nageenyi isaanii akka tikfamuufi.

Furmaata siyaasaa karaa nagaa bifa damboobaa uummata keenyaa dhugoomsuu dandahuu fi wareegamtoota Gootota Oromootti kabajaa horuun barbaaduuf kutannoo hin daddaaqamne qabna. Addi Bilisummaa Oromoo–Waraanni Bilisummaa Oromoo akkuma mariin nagaa xumurameen odeessa dabalata uummataaf ibsa.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 13, 2023

Leave a Reply