• Sun. Jan 4th, 2026

Godina Baalee Lixaa fi Bahaa keessatti hidhaa fi saamichi jabaatee jiraachuun himame

Nov 19, 2023

ONM ABO Sadaasa 18, 2023

Akka waanta hidhaan furmaata ta’eetti yeroo ammaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti hidhaa labsuun namoota sabboonummaa qabanii fi rakkoon uummata irratti maaliif ta’a jedhan qabee manneen hidhaa Keessatti hiraarsaa Kan jiru yoo ta’u, aanoota godinoota Baalee lamaan Keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa aanota akka Agaarfaa, Goobbaa, Sinaanaa, Madda Walaabuu, Harannaa Bulluq fi Gaasaraa Keessatti hidhaa fi reebichi jabaatee jiraachuun beekamera.

Haaluma kanaanis aanaa Agaarfaa Keessatti namootni hedduun jumlaan hidhamanii akka jiran Kan himan maddeen, magaalaa Agaarfaa, gandoota akka Odaa Caffoo fi Waabee Sa’aadaa Keessatti dhiittaan mirga namoomaa jabaachuun namoota maqaan isaanii Gadaa Adam, Haashiim Mo’aa, Awwal Abdurkariim, obbo Juundii Maatii isaa Haadha warraa fi ijoollee isaa dabalatee, Abduljabbaar, Mohaammed Huseen, Daawwee Nuuroo, Saanoo Kadiir fi Barsiisaa Abdiisaa jedhaman hidhamanii dararaa ulfaataa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Hidhaa fi yakkoonni saamichaa karaa waraana sirna PP kanaa jabaatee Kan jiru yoo ta’u, loon hawaasaa qalatanii nyaachuu, manneen gubuu fi gudeeddaan Kan duraarra hammaachuun bakki namootni itti hidhaman wal hanqachuun manneen barnootaa fi buufataalee fayyaa keessatti namnootni hidhamaa jiraachuu maddeen dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading