ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Akka dhaabbanni oduu Aljazeeraa jedhetti Gaazaan hanqina boba’aa fi qunnamtiin ciccituun gargaarsi erga dhaabbatee booda balaan beelaa fi dhukkubaa mudateera jechuun dhaabbileen gargaarsa namoomaa akeekkachiisaniiru.
Israa’el dhiyeessii boba’aa daangessuu itti fuftee waan jirtuuf daandiin gargaarsa gara sanatti geessu ammas addaan citeera.
Sagantaan Nyaata Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (WFP) Jimaata kaleessaa akka jedhetti, namoonni nagaan “beelaan battalumatti du’u danda’an” akka mudatu ibse. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas gama isaatiin dhukkubni saffisaan babal’achaa akka jiru akeekkachiiseera.
Yeroo Israa’el lola itti fuftee jirtutti dhiyeessiin gargaarsa namoomaa dhaabbachuun gadadoo Falasxiinota beela’anii fi mana hin qabnee jabeessaa akka jiru dhaabbileen kun yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Israa’el gargaarsi tokko tokko daangaa Raafaa kan naannoo Masrii waliin wal qunnamsiisu qaxxamuruun gara Gaazaatti akka deemu hayyamaa kan turte yoo ta’u, boba’aan tokkollee akka darbu hin hayyamne.
Dhaabbileen gargaarsaa kun, boba’an dhabamuun rakkoo dhiyeessii danqaa jira jedhu. Dhaabbileen telekoomii Falasxiin Jawwal fi Paltel Kamisa dheengaddaa akka jedhanitti, boba’aan isaanii erga dhumee booda neetworkiin isaanii tajaajila ala ta’uu ibsaniiru. Gaazaatti haleellaa Israa’el raawwatteen qunnamtiin hedduun cufamuun ibsameera.
Dhaabbileen gargaarsaa kennanii fi kunuunsa yaalaa hundi isaanii dhiyeessii boba’aa irratti hundaa’uun akka hojii gargaarsa namoomaa hojjetan cimsanii dubbataniiru.
Kaabineen waraanaa Israa’el Jimaata waaree booda “fedhii UN’f” guyyaatti konkolaattota boba’aa lama gara Gaazaatti akka seenan akka hayyamtu waliigaluun ibsameera.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sababa hanqina boba’aa fi cufamuu quunnamtiitiin Jimaata darbe hojiin gargaarsi daangaa qaxxaamuraa akka hin raawwatamne yoo ibsu. Daarektarri olaanaan WFP Siindii Maakeen uummanni guutuun jechuun bifa danda’amuun gargaarsa nyaataa baay’ee barbaada jedhaniiru.
Oduma wal waraansa Israa’el fi Hamaas wal qabatuun, hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Baarel lolli Gaazaa keessaa akka dhaabbatu jechuun Israa’el seera idil addunyaa akka kabajju gaafateera.
Kana malees gaaffiin Gaazaa keessatti lolli akka dhaabbatu gaafatu itti fufuun US Ameerikaatti mormitootni riqicha Saan Firaansiskoo cufuun lolli Gaazaatti Israa’el geggeessaa jirtu akka dhaabbatu guyyaa kaleessaa gaafachaa turuu gabaasni Aljazeeraa irraa arganne ni addeessa.









