• Sat. Mar 14th, 2026

Azarbaajaan gaazexeessitoota malaammaltummaa siyaasaa qoratan lama to’annaa jala oolchuu Aljazeeraan gabaase

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 22, 2023

Akka dha abbanni oduu Aljazeeraa kaleessa gabaasetti gaazexeessitoonni lama Azarbaajaan keessatti to’annoo jala ooluu kan ibse yoo ta’u, akka abukaatoon isaanii jedhanitti, hidhaan kun kan dhufe erga miidiyaan isaanii dhiheenya kana qabeenya qondaaltota mootummaa sadarkaa olaanaa fi maatii pirezidaantii Ilhaam Aliyev ilaalan gabaasa walitti fufaa maxxansaniin booda. Gulaalaa olaanaa dhaabbata dhuunfaa Abzas Media kan taate Sevinj Vagifgyzy Kibxata kaleessaa to’annoo jala ooluun manni ishee sakatta’amuu abukaatoon ishee fi Abzas Media himaniiru.

Poolisiin daarektara miidiyaadhuma kanaa Ulvi Hasanli “maallaqa biyya alaatti daddabarsaa” jirta jechuun to’annaa jala oolcheera.

Hasanliin himannaa irratti himatame akka hin balleessine kan dubbate yoo ta’u, himannaan isaa kun hidhaa waggaa 12 akka isa mudachiisu abukaatoon isaa Zibeyda Sadygova himaniiru.

Abzas Media akka gabaasetti Hasanliin yeroo hidhaa turetti “ilaalcha namummaa hin qabne” kan isa mudate yoo ta’u, kunis qondaaltota waa’ee qorannoo malaammaltummaan wal qabateen irratti gabaasa hojjete irraa dhiittaa fi abbootteen isa mudateera.

Gama biraatiin poolisiin waajjira miidiyaa kanaa  Baakutti argamu weeraruun gaazexeessitoota sakatta’iinsa kana alaa dhaabbachuun ragaa fudhachuuf yaalan ari’uu isaa suuraan Abzas Media irraa argame ni mul’isa. Abzas Median miidiyaalee walabaa muraasa Azarbaajaan keessatti hafan keessaa tokko yoo ta’u, duula waggoota kurnaniitti dhiyaatu miidiyaalee walabaa fi gareewwan mirga pireesii irratti gaggeeffamu irraa hafuun hojjechaa turuu  koreen Gaazexeessitoota Eeguu CPJn ibsuu Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading