• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Harargee bahaa aanaa Gola Odaa keessatti namootni hojii tikaa hojjetan murna bilxiginnaan uummata irratti bobba’anii dararaa jabeessanii jiraachuun beekamera

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 21, 2023

Tikoonni sirna bilxiginnaa Oromiyaa guutuu keessatti uummata nagaa Jala bu’anii sabboonummaa fi ilaalcha dhugaa isaan of harkaa qabaniin yakkanii gaaffii seeraa malee gara waraana faashistii PP fi kaadiroota naasuu sabaaf hin qabnetti dabarsuun namoota hiraarsaa oolu.

Haaluma kanaanis godina baha Harargee aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa Tirtiraa keessatti namni maqaan isaa Ukkash Qaaliboo Huseen Kan jedhamu namoota bakka isaan deeman manneen amantaa, mana Bunaa fi shaayee, Hoteelaa akkasumas bakkeewwan adda addaatii hordoffii taasisuun hiisisaa jiraachuu Keessa beektonni addeessaniiru.

Rakkoon ona Gola Odaa keessatti ta’aa jiru namootni yoo hidhaman mana murtiitti osoo hin dhiyaatin baatii dheeraaf turuu, gaaffii haala jireenya isaaniifis ta’e dhukkuboota daddarboo kanneen akka busaa fi kanneen biroo ilmaan harkatti fixuuf jabaatee rakkoo ta’e itti dhufeef yoo dhiyeessan deebiin kaadirootni PP kennaniif garuu isin seelii waraana bilisummaa Oromooti Kan jedhuu fi manneen hidhaatti gatuu akka ta’e maddeen ONMtti himan.




Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading