ONM-ABO Sadaasa 22, 2023
Bilxiginnaan Karaa tokkoon marii araaraa jechaa duubaan waraana cimaa Oromiyaa keessatti labsuun, lolaan waraana bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabee hawaasa nagaa qe’ee isaa keessatti meeshaalee gurguddaa fayyadamuun sanyii duguggaa raawwataa kan jiru yoo ta’u, kaayyoon marii kanaas ija siyaasaatiin dhiibbaa biyyoonni addunyaa isa irratti taasisan jalaa of oolchuuf malee dhugaan jiru garuu araara akka hin feene ta’uu isaa hubachiisa jedhu jiraattonni.
Haaluma kanaanis Sadaasa 18, 2023 ganama aanaa Sooddoo Daaccii ganda Baaduu Sombootti galma waaqeffannaa keessatti Osoo amantoonni waaqeffachaa jiranii Waraanni maafi’aa PP namoota baay’inni isaani soddoma ta’an ukkaamsuun fuudhanii deemuutu dubbatama.
Namoota harka waraana PP keessa turan keessaa Sadaasa 19, 2023 Diittaa Goojjii dabalatee namootni lama ganda Galaa Moollichaatti akka ajjeeman beekamera.
Dabalataanis kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessaa Sadaasa 18, 2023 aadde Ayinaalam Adaanaa Haadha manaa Obbo Takkaa Geetaachoo haadha ilmaan hedduu kan taate bakka hojii isheetii mana gurgurtaa moobayilaa keessaa waraana faashitii PP’n akka qabamtetu himama.
Sababni guddaan aadde Ayinaalam hidhamteefis akka jiraattonni dubbatanitti, meeshaalee daldalaa WBOtti gurgurta, chaarjii guutta, bilbila sirraa bitatu fi maallaqaan deggerta jechuun kan hidhanii fi yeroo ammaa gara aanaa Sooddoo Daacciittis dabarfamtee dararamaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, namootni hedduun manneen hidhaa ona tokko keessaa gara ona biratti waraana PP kanaan dabarfamanii ajjeefamaa akka jiranii fi haalli haadha kanaas yaaddeessaa ta’uu namootni itti siqeenyaan beekan dubbatu.



