ONM-ABO, Sadaasa 23, 2023
Gootichi abdii sabaa, Saba isaa hacuuccaafi saaminsa abboota irree jalaa baasuuf onnatee lolaa jiru Godina Booranaa Magaalaa Moyaalee keessatti tarkaanfii rifaasisaa fudhachuun injifannoo galmeessee jira.
Magaalaa Moyaalee keessatti Moonaa diinaa bakka addaa Boolee jedhamutti kan argamu moonaa Booleetti halkaniin yeroo lama itti deebi’ee seenuu diina du’aafi madoon adabuu beeksise.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis du’aafi madoo isaanii dhoksuun halkanuma sana kan baafatan yoo ta’u, odeessi akka hin baaneef, uummanni daandii sana irra akka hin dabarre dhorkaa turuu isaaniis uummanni naannichaa beeksiseera.
