• Mon. Mar 16th, 2026

Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti Shamarran Oromoo gaafa Sadaasa 15, 2023 sobaan yakkamanii qabaman hanga hardhaatti hidhamanii dararamaa jiraachuun beekame

Nov 27, 2023

ONM-ABO Sadaasa 27, 2023

Gara jabeenyi hidhattoota Kolonel Abiy Ahimed guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuun haadha Oromoo ajjeesuu bira darbee shamarran Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’aan yeroo ammaa maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkuun mana hidhaa sirnichaa iddoowwan hedduutti hidhanii gocha safuu hawaasaa cabsu irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Najaabaas keessaa shamarran Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an gaafa Sadaasa 15, 2023 waraana cubbamaa ilmaan namaaf naasuu hin qabneen qabamanii Kan hidhaman yoo ta’u, yeroo ammaas haalli isaan keessa jiran kan dubbachuuf nama saalfachiisu ta’uu jiraattotni himan.

Mana baruumsaa Ganoo iddoo jedhamuu kan qabaman shamarran kunneen achuma mana barumsichaa keessatti hiraarfamaa kan kan jiran yoo ta’u, maqaan isaaniis Saartuu Hamad, Mustariyaa Yaasin, Hangatuu Adam fi Urjii Saanii kanneen jedhaman ta’uus dubbatan.

Shamarran kunneen irrattis yeroo ammaa halkan halkan reebichi raawwatamaa jiraachuun mataa isaanii bishaan keessaa kaa’uun lubbuun taphachaa jiraachuu fi gocha isaanii malee waan gootan amanaa jedhanii gidirsaa jiraachuun beeksisan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading