ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Sanbata darbe, guyyaa lammaffaa dhukaasa dhaabuu guyyoota afuriif Hamaas fi Israa’el gidduutti taasifameen naannoon tasgabbii dhabde daangaa kibba Libaanos irratti kanneen argaman gandoonni jiraattotni irraa duwwaa ta’aan jireenyatti yeroo gabaabduufis ta’u deebi’uu Aljazeeraan kaleessa gabaase.
Manneen daldalaa cufaman deebi’anii banaman, konkolaattonni daandii keessa socho’an, magaalaa daangaa tokko keessatti maatiin tokko suura ka’uun magaalicha mul’isaa turaniiru.
Waldhabdee garee hidhattoota Libaanos Hizbullaah fi humnoota Israa’el gidduutti uumameen lammiileen Libaanos gara 55,500 ta’aan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii Dhaabbanni Godaantota Idil Addunyaa beeksisee ture.
Lola kanaan Libaanos keessatti namoota 100 ol kan du’an yoo ta’u, namoota nagaa kudhaniin ol isaan keessaa sadii gaazexeessitoota akkasumas namootni 12 lammiilee nagaa afur dabalatee Israa’el irraa ajjeefamaniiru.
Libaanosii fi Hizbullaah’n waliigaltee garee waraana Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifameef keessa seeraan kan hin jirre yoo ta’u, boqonnaan kun wal jijjiirraa rookkeettii, dhukaasa meeshaa waraanaa fi haleellaa qilleensa irraa guyyaa guyyaan akka dhaabbatu taasiseera. Lammiileen Libaanos tokko tokko carraa kanatti fayyadamuun manneen isaanii miidhaman sakatta’aachuu fi meeshaalee isaanii fudhachuuf ni gargaara.
Hogganaan mana barumsaa soorama ba’e Abdallaa Kuteeyish fi haati warraa isaa Sabaan, guyyaa lammaffaa walitti bu’iinsa kanaatti mana isaanii ganda Hooyula kallattii bakka waraanni Israa’el daangaa ce’ee fuuldura jiruu baqatan.
Yeroon miidhaan walitti qabuun jalqabuuf jirutti ooyiruu ejersaa isaanii dhiisanii intala isaanii wajjin gara kaabaa jiraachuuf deeman.
Jimaata gara mana isaaniitti deebi’anii gara ooyiruu midhaanii bakka zayitiin walitti hin qabamneetti yeroo deebi’anitti irratti goggogee jira, waan cufa bara kanatti dhabneerra, garuu hundi keenya fayyaadha, kan hunda irraa barbaachisus kana jechuun Sabaan dubbachuu Aljazeeraan gabaasera.





