• Sat. Mar 14th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti hidhattootni kolonel Abiy Ahimed baabura midhaan daakuu lama fi midhaan gosa garaagaraa kuntaala 100 ol gubanii yoo barbadeessan qeerroo hedduus mooraa waraanaatti hidhuun dararaa jiraachuu jiraattonni himu  

Nov 29, 2023

ONM-ABO Sadaasa 29, 2023

Ilaalcha uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuu fi lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjachaa kan jiran Abiy Ahimed fi gareen isaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti lubbuun ilmaan namaa akka baalaa harca’uu bira darbee qabeenyaan inni dafqa isaa itti xuruurfatee hojjatatees ibiddaan gubuun hojii ala gochaa jiru.

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Callabbaa Madanii jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 28, 2023 baabura midhaan daaku lamaa fi midhaan gosa garaagaraa kuntaala 100 ol ta’u kan nama dhuunfaa maqaan isaa  obboo Buzunaa Tasfaayee Jiruu jedhamu jalaa ibidda itti qabsiisuun gubanii barbadeessan jechuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Obboo Buzunaan nama hojii jaallatuu fi akkuma nama kamittuu hojjatee of jijjiiruuf nama carraaqu yoo ta’u, garuu kashalabboota teessuma aangoo isaaf jedhee waraana naamusaa fi safuu hawaasaa hin eegnee hawaasa gidduutti bobbaaseen dadhabbii isaa baroota dheeraa guyyaa tokkotti harkaa balleessaniirus  jedhan .

Baaburri midhaanii kun kan obboo Buzunaa qofa akka hin taanee fi hawaasni ganda lamaa olii kan itti fayyadaman yoo ta’u gubachuu baaburaa kanaan abbaa qabeenyichaa malee hawaasni gandoota lamaa olii kunis akka miidhaman dubbatu.

Akkasuma jiraattoota bakkichaa tokko tokko Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa akka dubbisetti murni bilxiginnaa afaaniin sa’aatii digdamii afur hojjadhaa jechuun media irraa ololaa ooluun keessoon ammoo kan namni hojjatate harkaa mancaasaa jiru, kun ammoo egeree sabichaaf yaaddoo ta’uus himan.

Akkasuma aanicha keessaa dargaggoota hedduu funaanuun maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartuu jedhuun mooraa waraanaatti hidhanii halkanii guyyaa reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jirus jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading