• Fri. Apr 24th, 2026

Koloneel Abiy Ahimed humna waraanaa ijaaruuf baha Oromiyaa godina baha Harargee ona dirree Xiyyaaraa keessatti ilmaan Oromoo waraanatti hirmaachisuuf tooftaa haaraan of ijaaruuf gad-bahaa jiraachuun dhaga’aamee jira 

Nov 29, 2023

ONM-ABO Sadaasa 29, 2023

Baha Oromiyaa, Harargee bahaa ona Dirree Xiyyaaraa keessatti waltajjii daballootaa fi kaadirootni pp gaafa sadaasa 25, 2023 ta’aanii araddoota jiranitti wal bobbaasan irratti akka jedhanitti ijoollee qormaatni biyyoolessa qabxii darbiinsaa jalaa hanqatee fi hiyyeeyyii humna ofiitiin jiraatan kanneen dookumantii kutaa 10 fi 12 qaban dabalatee tooftaa gowwoomsaan dargaggoota galmeessaa jiraachuu maddeen ONM tti himan.

Haaluma kanaan marii kana irratti tooftaa  dhokataan isaan ittiin milkaa’uuf qophaa’anii jiran leenjiilee adda addaa kanneen akka leenjii tiraafikii, konkolaachisaa konkolaataa fi electrooniksii adda addaa leenjitu jechuun dargaggoota dogongorsuun raayyaa ittisa biyyaatiif galmeessaa jiraachuu odeessa maddeen keenya irraa arganneen mirkanaa.e jira.

Akka maddeen keenya kun dabaluun dubbatanitti waltajjii kana irratti kan dubbatame uummata yeroo mariisiiftan qaala’insa jireenya kana hambisuuf  buufata daldalaa Asab Ertiraa irraa fudhachuuf fuuldura keenyatti karoora waan qabnuuf humna waraanaa gahaa nu barbaachisa ittiin jechuun uummatas amansiisuun dargaggoota akka hirmaachisan gochuu qabdu jechuun bobbaa’anii waan jiraniif kun abjuu gonkuma hin milkoofne waan ta’eef ilmaan Oromoo lola isiin hin ilaallanne kana irratti akka hin hirmaanne jechuun maddeen keenya dhaamsa kana nuuf dabarsaa jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading