• Sun. Apr 26th, 2026

Faransaay qarqara galaanaa fi paarkiiwwan uummataa irratti tamboo xuuxuu dhorkuuf jetti 

Nov 29, 2023

ONM-ABO Sadaasa 29, 2023

Faransaay qarqara galaanaa fi paarkiiwwan uummataa irratti tamboo xuuxuu dhorkuuf akka jirtu ministirri fayyaa biyyattii Kibxata kaleessaa ibsuun, mootummaan isaanii waggaatti du’a tamboodhaan walqabatee namoota 75,000 ittisuuf yeroo ilaalutti tarkaanfiiwwan walitti aananii fudhatan dhiyeessuu CNN gabaase.

Tarkaanfiiwwan kunneen — qaama karoora mootummaan tamboo xuuxuu ittisuuf baase keessaa tokko — “bara 2032tti dhaloota tamboo irraa bilisa ta’e” uumuuf kan akeekedha jedha.

Ministirri fayyaa Faransaay Auréliyeen Ruuysoo Kibxata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, yeroo dhiyootti Faransaayitti qarqara galaanaa, paarkiiwwan uummataa, bosonaa fi iddoowwan hawaasaa biroo tokko tokko irratti, akkasumas bakkeewwan manneen barnootaatti dhihoo ta’an dabalatee, tamboo xuuxuun ni dhorkama jedhan.

Ministirri kun yeroo sirrii kennuu dhiisanis  dhaabbata CNN waliin hidhata qabu BFMTV waliin haasawa taasisaniin namoonni bara dhufutti adabbiin adabamuu akka danda’an akeekaniiru. 
Ruuysoon dabaluunis  gatii tamboo suuta suutaan akka ida’an  himuun, bara 2025tti paakeetiin tokko Yuuroo 12 (Doolaara 13), bara 2027tti ammoo Yuuroo 13 (Doolaara 14) akka baasu ibsan. Faransaay baatii Fulbaanaa keessa waan xuuxxaa tamboo kana hir’isu fudhattee turte.

”Karoora kanaan waanti nuti barbaannu tamboo xuuxuu xiqqeessuu dhaabuudha,” jechuun Roosoon BFMTVtti himeera.

“Gama bashannansiisaa fi boqonnaan tamboo xuuxuun argamu deemuu qaba,” jechuun itti fufuun, “guyyaatti du’a tamboodhaan walqabatee dhufu 200 ittifamuu danda’u lakkoofsa nuti hin baranne ture jechuun miidhaa tamboo xuuxuun dhufu hambisuuf tarkaanfii barbaachisaa biyyi isaanii Faransaay akka fudhattu ministeerichi ibsuu CNN gabaasa har’a ganama qabatee ba’een ibseera.



Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading