ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Filannoon seera baastotaa fi naannoo Toogoo keessatti ”dhumni kurmaana jalqaba bara 2024 ” osoo hin xumuramne akka gaggeeffamu mootummaan Wiixata dheengaddaa beeksiseera. Yeroon yaadame kun waadaa Pirezidaantiin Fayuree Ginassingibee bara darbe Muddee keessa ji’oota 12 keessatti filannoo gaggeessuuf galan duubatti dhiiba.
Filannoon seera baastotaa fi naannoo isa dhumaa, bara 2018, mormitootaan kan lagatame yoo ta’u, isaan lakkoofsa uummataa irratti “seera dhabdummaa” balaaleffataniiru. Yeroo kana mormitoonni, paartii biyya bulchaa jiru Gamtaa Rippabilikaa (UNIR) mormuuf abdii kan qaban yoo ta’u, galmeen isaanii akka dabalu gaafatanii turan. Mormitoonni Toogoo Kibxata darbe galmee filannoo dhaabbata idil-addunyaa tokkoon mirkanaa’e mormuun ammallee filannoo dhufu irratti hanna sodaanna jedhu.
Dubbi himaan paartii mormituu National Alliance for Change (ANC) Eriik Dupuyi AFPtti akka himanitti, “Kun mala biraa hanna filannoo OIFn mirkaneessuun cimsuuf taasifamuudha,” jedhan. Hogganaan biyyaa Toogoo bara 2005 erga abbaan isaanii du’e irraa eegalanii aangoo irra kan jiran yoo ta’u, abbaan isaanii Jeneraal Eyaadeemas Ginaassingibee waggoota 38f biyyattii bulchaa turan. Erga gara aangootti dhufanii as Fayuree Ginaassingibee filannoo hunda injifachaa kan turan yoo ta’u, mormitoonni bu’aawwan filannoo sana mormaa turuu France 24 gabaasa kaleessa dubbisiiseen ibseera.






