• Tue. Sep 29th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti Waraanni goolessaan PP dargaggoota mana Amantaa keessatti kadhannaa irra turan qabanii deemuun gammoojjii keessatti rashanuun beekame

Nov 30, 2023

ONM ABO, Sadaasa 30, 2023

Waraanni Goolessaan PP sirna Minilikiif amanamoo ta’an, gara jabeenya sirnichi Uummata Oromoof qabuun guutamuun Uummata keessa bobba’anii kan jiran yoo ta’u, Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti dargaggoota mana amantaa keessaa baasuun jumulaan ajjeesuun gammoojjii keessatti gatuu maddeen gabaasan.

Sadaasa 24, 2023 Aanaa Gidaamii ganda Maleekkoo jedhamtu keessatti dargaggoota soomaafi kadhataan turan halkan sa’atii 6:00tti waldaa Makaaneyesuus keessatti ol itti seenuun dargaggoota baay’inni isaanii 11 ta’an qabanii deemuun gammoojjii keessa geessanii ajjeesanii deemaniiru.

Uummanni ganda sanaa birmatee ba’ee barbaadaa turuun sadaasa 27, 2023 reeffa dargaggoota kanaa kan arge yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis maqaan isaanii:-
1. Solomoon Dingataa
2. Jireenyaa Dingataa
3. Taliilaa Lameessaa
4. Toliinaa Lammeessaa (Tolee)
5. Taammiraat Lammeessaa
6. Qabbanaa Bulchaa (Qabboo)
7. Hiikaa Ayyaanaa
8. Geetaachoo
9. Siraaj
10. Kuulii kan jedhaman yoo ta’an tokko hanga ammaatti maqaa kan hin arganne ta’uufi akkuma arganneen kan isin biraan geenyu ta’a.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading