ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Dhiigni namoota qulqulluu yakka tokko malee Oromiyaa keessatti akka bishaanii guyyaa guyyaan dhangala’aa kan oolu yoo ta’u, hidhattootni garee maafi’aa PP lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Bakkee Oofuu iddoo addaa Ulaa Gaaroo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa Sadaasa 28, 2023 sa’a shan irratti dargaggoo tokkoo fi abbaa maatii kan ta’e qonnaan bulaa tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.
Dargaggoo Bojaa Girmaa barataa kutaa kudha lamaa yoo ta’u nama baruumsa isaa cinaatti hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaa gargaaru yoo ta’u sababa tokko malee waraanni akka feeteen impaayerattii rasaasa itti roobsun akka ajjeesantuu himama.
Guyyuma sana qonnaan bulaa maqaan isaa Shugguxaa Qaqqabaa jedhamuu fi abbaa maatii kan ta’e akkasumas nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi jiruuf jireenya isaa fooyyeffachuuf oliif gadi fiigu gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsun ajjeesanii maatii isaa irraa gargar baasan jedhu.
Ijoolleen obbo Shugguxaa ijoollee xixiqqoo waan taateef ofiif hojjattee of jiraachisuuf illee kan hin dandeenyee fi egereen isaanii kan yaaddeessuudhas jechuun jiraattotni dabaluun dubbatu.



