• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn godina Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa fi Gullisoo keesaatti tarkaanfii fudhachuun injifannoo galmeesse

Nov 29, 2023

ONM-ABO Sadaasa 29, 2023

Gootichi abdii sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo guyyaa har’aa Sadaasa 29, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa fi Gullisoo keessatti tarkaanfii guggubduu waraana faashistii PP irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa irraa hiikee jira.

Tarkaanfii  boonsaa korommiiwwan lixa biiftuu WBOn ganama har’aa aanaa Ayiraa bulchiinsa magaalaa Boondawoo keessatti mooraa waraana maafiyaa PP irratti fudhateen humna diinaa irraa 16 ajjeesee 21 madeessuun tikoota waraanichaa 2 harkaan qabee jira.

Tarkaanfii bulchiinsa magaalaa Boondawoo irratti fudhateenis qawwee AKM 10, rasaasa, jorooroo bireenaa fi qophii irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Guyyuma har’aa kana godinichuma aanaa Gullisoo keessatti waraana faashistii PP magaalaa Diillaa irraa sakattaaf bobbaate magaalaa jalatti itti deemuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun 9 irraa yoo ajjeesu 14 madeessuun magaalaatti ari’ee deebiseera.

Tarkaanfii jajjabeen onnee sibiilaa WBOn fudhatan kanaanis qawwee AKM 8, rasaasa bireenaa 800, rasaasa AKM fi qophii dugda diinaa irraa hiikuun qabsoof galii taasisuu ajajaan WBO bakkicha irraa ibseera.

Lolli Bilisummaa Finiinee Itti Fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading