• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii fi anfilloo keessatti nama lama ajjeesuun mana nama tokkoos guban

Dec 1, 2023

ONM-ABO Mudde 1, 2023

Gareen faashistii PP Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi manneen gubuu jabeessee itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti nama tokko ajjeesuun mana nama tokko guban.

Dheengadda Sadaasa 29, 2023 waraanni murna maafi’aa PP gocha badii uummata Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafaman ganda Giraayii Sonkaa keessaa mana 1 kan obbo Tasfaa Gobbuu Eebbaa qabeenyaa mana keessa jiru waliin gubanii barbadeessan.

Kana malees aanuma Gidaamii ganda Abootee Caggaa keessaa qeerroo Oromoo jireenya dhuunfaa isaa malee tuttuqaa siyaasaa hin qabne Caalii Ayyaanaa Guutaa jedhamu guyyuma dheengaddaa ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gareen faashistii PP kun aanaa Gidaamii keessatti gochoota suukanneessoo raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Jimaata darbe ganda Maleekkoo Manaamoo keessatti namoota waldaa kiristaanaa keessatti kadhata irra jiran 8 halkan gadi baasanii ajjeesuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Oduuma ajjeechaatiin Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti waraanni faashistii PP aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa bakka Battoo jedhamutti Kibxata darbe Sadaasa 28, 2023 nama maqaan isaa Amaanu’el Tolasaa jedhamu ajjeesanii gatuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading